Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaan daa’ima umrii waggaa 4 hatuun maatii Birrii kuma dhibba 3 gaafachaa ture too’atame

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Namni dhuunfaan daa’ima umrii waggaa 4 ukkaamsuun maatii Birrii kuma dhibba 3 gaafachaa ture Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiicheetti too’atamuu Poolisiin godinichaa beeksiise.
Shakamaan Maqaan isaa Malkee Sisaay Mitikkuu jedhamu magalaa Finfiinnee naannoo Addisuu Gabiyaatti Hoteela Immabeet jedhamee wamamuutti qacaramee yeroo dheeraaf egaa kan turee yoo ta’u, maatii daa’imattii waliin akka matiitti waliin jiraachaa turuu ibsameera.
Daa’imaa maqaan ishii Sooliyanaa Charinaati jedhamtu mana barumsaa darbee darbee geessaa fi fidaa kan ture yoo ta’u, Waxabajjii 29, 2013 daa’imattii mana barumsaatii nama fidu fakkaatee Finfinee irraa magaala sulultaa geessuu maatii bilbilaan Birrii kuma dhibba 3 gaafataa turuu ibsameera.
Waxabajjii 30, 2013 ammoo Magalaa Suluultaa irraa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiichee imaluun bilbilaan maallaqa kana akka galchaniif gafachaa turuu eerameera.
Poolisiin Finfinee odeeffannoo argateen Poolisii Magaala Fiichee Waliin qidaa’uun Hordoffii taasisaa tureen guyyaa har’aa tilmaamaan naannoo sa’aatt 6:00tti Shakamaan kana Magaalaa Fiichee iddoo addaa Fawundeeshinii Jeneraal Taaddasaaa Birruu jedhamee wamaamutti harkaaf harkaatti to’achuu Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Fiichee Saajiin Alamuu Abarraa ibsuu isaanii ragaan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.