Fana: At a Speed of Life!

Namoonni bu’uuraalee misoomaa baaburaa Birrii miiliyoona 3tti tilmaamamu hatan 6 to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) – Namoonni bu’uuraalee misoomaa baaburaa Salphaa magaalaa Finfinnee Birrii miiliyoona 3tti tilmaamamu hatan 6 to’atamuu Tajaajilli Elektirikaa magaalichaa beeksise.

Namoonni kunneen yakkicha kan raawwatan waxabajjii 14-16,2014tti ta’uu tajaajilichatti Hojii Gaggeessan Qindeessa Dhiyeessii Humna Elektirikaa Baabura Salphaa Magaalaa Finfinnee Obbo Bilisummaa Qixxaataa ibsaniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa elektirikaa hataman metira kuma 1 fi 765 kan dheeratan ta’uu fi dhaabbaticharrati kisaaraa Birrii miiliyoona 3 fi kuma dhibba 8 fi kuma 29 fi 180 qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Namoonni kunneen to’annaa jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu himuu ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.