Fana: At a Speed of Life!

Namoonni maallaqa biyyoota garaagaraa maxxansuuf yaalii taasisan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Birrii Ityoophiyaa dabalatee namoonni maallaqa biyyoota garaagaraa karaa seeraan alaa maxxansuuf yaalii taasisan to’atamuu ibsame.

Namoonni kunneen lammiilee biyyoota alaa ta’uu ibsameera.

Namoonni lammummaan Kaameeruunii fi Kootdiivaar ta’an kunneen magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qiirqoos aanaa 2 mana ciisichaa Amaadoo fi kutaa magaalaa Boolee aanaa 4 mana ciisichaa Addis Biraayit jedhaman keessatti to’annaa jala oolu eerameera.

Eeeruu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneef kenneen namoonni kunneen to’atamuu ibsameera.

Namoota kunneen waliin Birrii Ityoophiyaa seera qabeessa  kuma dhibba 1 fi kuma 7 fi 330, maallaqa biyyoota garaagaraa, Birrii Abbaa 200 forjiidii hedduu, keemikaalaa daakuu fakkaatu, keemikaala dhangala’oo, murtuu waraqaa, Boronqiiwwan, waraqaawan, bilbilawwan 9 fi meeshaalee biroon  to’atamuu komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.