Fana: At a Speed of Life!

Namoonni ragaa sobaa dhiyeessuun Sibiiloota to’annoo Poolisii jala ture gadhiisiisuuf socho’aa turan to’ataman

Finfinnee, Adooleessa 25, 2013 (FBC) – shakkamtoonni ragaa sobaa dhiyeessuun kuufama Sibiiloota to’annoo Poolisii jala ture gadhisiisuuf socho’aa turan to’atamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.

Torbee darbe kutaa magaalaa Boolee naannoo Bulbulaa jedhamutti kuusaa tokko keessatti sibiilli seeraan ala kuufame ture to’atamee qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Yaa ta’uutii shakkamtoonni dhuunfaan sibiilichi seera qabeessa ta’uu fakkeessuun namoonni ragaa sobaa dhiyeessuun socho’a turan qabamuu eerameera.

Nammonni kunneen xaalayaa sobaa qopheessuun sibiiloota kanneen Konkolaattoota 5 fe’anii wayita baasuuf jedhan to’atamuu Komishinichi ibseera.

Namoonni 3 abbaa qabeenyaa fakkaachuun poolisii fi hoggantoota dabaree eeggumsaarra turaniif matta’aa laachuun wayita socho’aa turan to’atamaniiru jedhame.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.