Fana: At a Speed of Life!

Namoonni yakka hannaa fi malaammaltummaan raawwan 19 Adabbii cimaan adabaman

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Oromiyaatti namoonni sarara daddabarsa Humna Elektirikaa hatanii fi yakka hannaa biroo raawwatan 19 Adabbii cimaan adabamuu ibsame.
Naannoo Oromiyaatti bara baajataa darbe Namoonni sarara daddabarsa Humna Elektirikaa hatanii fi yakka malaammaltummaa raawwatan 19 Adabbii cimaan adabamuu ibsameera.
Namoonni kunneen adabbii cimaa baatii 6 hanga waggaa 9 adabamuu ibsameera.
Namoonni 2 sarara humna Elektirikaa hatuun shakkamanii erga to’annoo jala oolaan, dhimmi isaanii qulqullaa’uun tokkoon tokkoo isaanii adabbii cimaa waggaa 9 adabamaniiru jedhame.
Akkasumas namoota dhuunfaa hanna sarara daddabarsa humna Elektirikaan shakkamuun to’annoo jala oolan keessaa tokko adabbii cimaa waggaa 7 fi baatii 8, Afur adabbii cimaa waggaa 5, tokko ammoo adabbii cimaa waggaa 4 fi baatii 8, namoonni 2 adabbii cimaa waggaa 1 fi baatii 6n yooa adabaman, namoonni 2 adabbii cimaa waggaa 1’n adabamuu eerameera.
Hojjetaan dhaabbata Tajaajila Elektirikaa karaa seeraan alaan lakkooftuu nama dhuunfaaf galchuun dhaabbaticha Birrii kuma 19 fi 583 dhabsiise adabbii cimaa baatii 6’n yoo adabamu, mallaqicha dhaabbataaf galii akka ta’u murtaa’uu ibsameera.
Akkasumas Hojjettoonni sarara Elektirikaa hatanii fi yakka malaammaltummaa raawwatan 3 tokkoon tokkoo isaanii adabbii cimaa waggaa 5 fi baatii 6 adabamuu isaanii ragaan Tajaajila Humna Elektirikaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.