Fana: At a Speed of Life!

Namoota 15 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2012 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 15 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa namoota 215 gaggeeffamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksiseera..

Waliigalaan hanga ammaatti namoonni 26 dandamataniiru.

Namoonni vaayrasichaan qabaman 194 qaqqabera.

Yaalarratti kan argaman 161 yoo ta’an, waliigalaan lubbuun namoota 7 darbeera.

Hanga ammaatti waliigalaan qorannaan samuudaa namoota 13,64 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.