Fana: At a Speed of Life!

Namoota qabeenya isaanii galmeessisan keessaa % 47 ragaa dogongoraa kan galmeessisiisan ta’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 3, 2013 (FBC) – Bara 2013 namoonni qabeenya isaanii galmeessiisan ragaan laatan dhugaa ta’uu hojii mirkaneessuu hojjetameen % 47 ragaa dogongoraa kan galmeessiisan ta’uu Komishiniin Namuusaa fi Farra Malaamltummaa Federaalaa beeksiise.

Akkaataa labsii qabeenya galmeessuu fi beeksiisuu lakkoofsa 668/2002 keewwata 11 Komishiniin Namuusaa fi Farra Malaamltummaa Federaalaa qabeenyi galmaa’e sirrii ta’uu isaa akka mirkaneessuu aangoon kennameefira.

Komishinichi bara baajataa 2013 hojii qabeenyi galmaa’e sirrii ta’uu mirkaneessuu hojjechuu isaa ibseera.

Haaluma kanan bara baajataa 2013tti kanneen qabeenya isaanii galmeessiisan keessaa % 47 ragaan galmeessiisan dogongora ta’uu mirkaneessuu ragaan Komishinichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.