Fana: At a Speed of Life!

Namootaa seeraan ala daa’imman 13 daddabarsaa turanirratti adabbiin hidhaa murtaa’e

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti namoonni daddabarsa daa’immaaniin himataman hidhaa cimaan akka adabaman Manni Murtii Olaanaa Godina Baalee murteessera.

Daa’imman umriin isaanii waggaa 12 gadii ta’an 13, Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamannee irraa gara Godina Baaleetti osoo daddabarfamaa jiranii shakamtoonni 2 Bitootessa 8, 2014 to’annaa jala oolanii himannaan irratti banameera.

Dhimmichi Mana Murtii Ol’aanaa Godina Baaleetiin ilaalamaa erga turee booda dhaddacha guyyaa har’aa ooleen himatamaa 1ffaa Obbo Jamaal Tusaa hidhaa cimaa waggaa 18’n, himatamaa 2ffaa Obboo Hirphoo Diimaa hidhaa cimaa waggaa 10’n adabuu Manni Murtii Ol’aanaa Godina Baalee beeksisuu isaa ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Baaleerraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.