Fana: At a Speed of Life!

Noottii Birrii jijjiiruun sosochii Koontiroobaandii hir’isuuf shoora olaanaa qabaachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Noottii Birrii jijjiiruun sosochii Koontiroobaandii hir’isuuf shoora olaanaa qabaachuu Koomishiniin Guumruukaa beeksise.
 
Noottii Birrii jijjiiruun meeshaalee Koontiroobaandii fayyaa hawaasaa fi rakkoo nageenyaa ta’an kan hir’isu ta’uu Koomishinarri Koomishinii Guumruukaa Dabalee Qaabataa turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.
 
Kuufama maallaqa seeraan alaa fi yakka daddabarsa maallaqaa ni hambisa jedhan.
 
Meeshaalee waraanaa seeraan alaa nageenya biyyarratti miidhaa qaqqabsiisan ittisuuf illee qooda qabaachuu eeraniiru.
 
Akkasumas daddabarsa baala sammuu adoochuu, nyaatalee fi qorichoota yeroon tajaajila isaanii irra darbe kanneen farra fayyaa hawaasa ta’an too’achuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
 
Erga noottiin haaraan hojiirra ooluu isaa ibsamee naannoo daangaa fi keellawwanitti to’annoo cimaan taasiifamaa jiraachuu Koomishinar Dabaleen himaniiru.
 
Hojii hojjetameenis bu’aa guddaan argamuu kaasaniiru.
 
Hanga guyyaa kaleessatti Toogoo Caaleetti birriin kumni dhibbi 2, Asoosaatti birriin kumni dhibbi 6 yeroo gara biyya keessaa galuuf jedhu qabamuu ibsaniiru.
 
Tigist Abrahaamtu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.