Fana: At a Speed of Life!

Obbo Aganyahu Tashaagar Naannawaa Bahaa fi Afrikaa Kibbaatti bakka buutoota Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar Naannawaa Bahaa fi Afrikaa Kibbaatti bakka buutoota Baankii Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Af Yaa’ichi jila bakka bu’aa Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaa, Sudaan, Naannawaa Bahaa fi Afrikaa Kibbaa Dooktar Usmaan Diiwoon durfamu waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin obbo Aganyahu jilichaaf aangoo fi itti gaafatamummaa mana marichaarratti ibsa taasisaniiru.

Misooma Ityoophiyaaf deeggarsa baankichi taasisaa jiru dinqisiifachuun, deeggarsichi cimee akka itti fufu amantaa qaban ibsaniiru.

Bakka bu’aan baankichaa Dooktar Usmaan Diiwoon gamasaaniin, hojii manni marichaa hojjechaa jiru dinqisiifachuun hojiilee gara fuulduraatti hojjetu deeggaruu fi waliin hojjechuu fedhii qabaachuu eeruu isaanii ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.