Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shiideen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaa addaa komishinara olaanaa baqattootaa Afrikaa Bahaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaa addaa komishinara olaanaa baqattootaa Afrikaa Bahaa Ambaasaaddar Mahaammad Abdii Afee waliin mari’ataniiru.

Obbo Ahimad hojiilee Ityoophiyaan baqattoota biyyoota garaagaraa simachuun hojjechaa jirtu Ambaasaaddarichaaf ibsa taasiisaniiru.

Hojii deeggarsa namoomaa fi deebisanii dhaabuu naannoo Tigraayitti taasiifamaa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.

Ambaasaaddarichi deeggarsa namoomaa mootummaan taasiisaa jiruu fi nageenya baqattootaa eeguuf hojii hojjetamaa jiru dinqisiifataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.