Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shiideen Ministira Tumsa Diinagdee Deenimaark waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 15, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen Ministira Ministeera Tumsa Diinagdeefi qabeenya qilleensaa Idil Addunyaa Deenimaark Daan Jaargasan waliin mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shiideen Daan Jaargasan waliin tumsa diinagdee biyyoota lameeniifi dhimmoota yeroorratti mari’achuu ibsameera.

Maricharratti Obbo Ahimad Shiideen, waliigaltee nageenyaan booda sochiilee misoomaa hundagaleessa biyyattii keessatti hojjetamaa jiran, hojiilee deebisanii dhaabuufi fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaarratti ibsa laachuu eerameera.

Deenimaark deeggartuu misooma waaraa Ityoophiyaa ta’uu kaasuun, deeggarsa misoomaafi namoomaa Ityoophiyaaf taasistu cimsitee akka itti fuftu amantaa qaban ibsaniiru.

Daan Jaargasan gamasaaniin, waliigalteen mallatteeffame diinagdeefi hawaasummaa biyyattiirratti dhiibbaa gaarii kan uumu ta’uu eeruun, Deenimaark deeggarsa Ityoophiyaaf taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Abbootiin qabeenyaa Deenimaark Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.