Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ashaadiliin aanaa Asoosaatti oomisha kilaasteraan misoomaa jiru daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo BeenishaanguuL Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan aanaa Asoosaa ganda Koomoshaagaa 28 fi Biliduugiiluutti Ooyiruu Boqqoolloo kilaasteraan misoomaa jiru daawwataniiru.
 
Aanaa Asoosaatt bara oomishaa 2013/14 lafa hektaara kuma 85 sanyiin uwwisuuf karoorfamee lafti hektaarrii kumni 73 oomishaan uwwifamuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa aanichaa obbo Attaalaay Darajjee ibsaniiru.
 
Akkaa naannichaatti bara oomishaa 2013/14 lafa sanyiin uwwisuuf karoorfame keessaa 57 sanyiin uwwifamuu himameera.
 
Lafa misoomaa jiru keessaa % 50 Kilaasteraan misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa naannichaa obbo Baabakir Hiiliifaa dubbataniiru.
 
Gaaffii Tiraakteraa qonnaa bultootaa deebisuuf mootummaan naannichaa Baankii Daldalaa Waliin liqaa dhala malee dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Naannoo BeenishaanguuL Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan himaniiru.
Qonnaan Bultootaaf deeggarsa barbaachisu guutuu taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.