Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonniin Gita isaanii Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Zyiin waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan deeggarsa hunda galeessaa mootummaan Chaayinaa mootummaa fi ummata Ityoophiyaaf taasiisaa jiruuf galateeffataniiru.
Duula birmadummaa fi tokkummaa mootummaan Ityoophiyaa gaggeessaa jiruuf ejjannoo Beengi qabatte dinqiisiifataniiru.
Daawwannaan gaggeessaa jiran waqtii isaa kan eegee fi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Zyiin eeraniiru.
Chaayinaan dhimma keessoo biyyootaa keessa kan hin seenne ta’uu kaasun, Ityoophiyaanis dhimma keessoo ishee ofiin akka furattu Chaayinaan ni amanti jedhan.
Mootummaan Chaayinaas deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu dubbataniiru.
Nageenya Lammiilee Chaayinaa Ityoophiyaa keessa jiraataniif sodaa kan hin qabaanne ta’uus kaasaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa nageenyaaf xiyyeeffannoo akka laatu amantaa qabaachuu ibsaniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo gama hundaan qaban caalmaatti kan cimsan ta’uu marii isaaniin kaasaniiru.
Awwal Abarraatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.