Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin Bakka Buutuu Olaantuu DhMG Ambaasaaddar Raabaab Faaxiimaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 10, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Bakka Buutuu Olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ambaasaaddar Raabaab Faaxiimaa waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin, biyyoon misoomaan boodatti hafan, biyyoonni guddattootaa ulaa galaanaa hin qabneefi odoloonni xixiqqaan tumsa Kibba- Kibbaa cimsuun hiyyummaa hir’isuufi galmoota misooma waaraa milkeessuuf hojjechuu akka qaban obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen hirmaannaa waltajjiiwwan garaagaraatti qabaniin biyyoonni badhaadhan deeggarsa faayinaansii akka taasisaniif tattaaffii dippiloomaasii waloo taasisuu qabu jedhan.

Hojii akka kanaa bifa qindaa’aa ta’een gaggeessuuf fooramiin Doohaa gahee murteessaa qabaachuu eeraniiru.

Ambaasaaddar Raabaab Faaxiimaan gamasaaniin, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii biyyoota misoomaan boodatti hafan, biyyoota guddattoota ulaa galaanaa hin qabneefi odolawwan xixiqqoon hiyyummaa keessaa ba’uun ce’umsa guddinaa fooyya’aa akka taasisaniif deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaan miseensa garee kanaa waan taateef gahee isheerraa eegamu akka ba’attu waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.