Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin gitasaanii Keeniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 21,2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaafi Dhimmoota Diyaaspooraa Keeniyaa Dooktar Alfard Muutuuwaa waliin Kaartuumitti mari’atan.

Anga’oonni lameen walga’ii IGAD Sudaan Kartuumitti gaggeeffamaa jiru cinaatti marii taasisaniin, michummaa gam-lameefi damee hedduu cimsuuf waliigaluu ibsameera.

Obbo Dammaqaa Makonnin adeemsi waliigaltee nageenyaa Mootummaafi ABUT gidduutti taasifame akka milkaa’uuf gahee Keeniyaan ba’atteef galateeffachuun, hojiirra oolmaa waliigaltichaaf mootummaan kutannoo qabaachuu eeraniiru.

Ministira Ministeera Dhimma Alaafi Dhimmoota Diyaaspooraa Keeniyaa Dooktar Alfard Muutuuwaan gamasaaniin, michummaa Keeniyaan Ityoophiyaa waliin qabduuf bakki addaa kan kennamu ta’uufi ga’een isheen adeemsa waliigaltee nageenyaarratti taasifte kanaaf agarsiituudha jedhan.

Biyyoonni lamneen damee daldalaafi invastimantiin tumsa fooyya’aa uumuu akka danda’an eeramuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.