Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnon Ministira Ministeera Dhimma Alaa Gaaboon waliin marii’atan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) –Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Gaaboon Paakoomee Moobeeleet Buubeeyyaa waliin Niwuu Yoorkitti mari’ataniiru.
Marichaan hariiroo waloo Ityoophiyaa fi Gaaboon akkasumas dhimmoota Afrikaa fi addunyaarratti kan waliin mari’atan ta’uu ibsameera.
Obbo Dammaqaan, dhiyeenyatti Gaaboon Mootummoota Gamtoomaniitti miseensa Mana Maree Nageenyaa wayita taatu Afrikaanotaaf sagalee ta’uun ga’eeshaa akka ba’attu abdii qaban ibsaniiru.
Xiyyeeffannoon Manni Maree Nageenyaa gaanfa Afrikaatiif laachaa jiru yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu eeruun, tattaaffiin rakkoo Afrikaa Afrikaanootaan furuuf taasiifamuu jiru cimee itti fufu akka qabu hubachiisaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa hariiroo waloo Gaaboon waliin qabu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu obbo Dammaqaan mirkaneessuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.