Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin daawwannaa hojiif Sudaan Kibbaa galan

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin daawwannaa hojiif Sudaan Kibbaa Juubaa galaniiru.

Obbo Dammaqaan Buufata Xiyyaaraa Juubaa wayita ga’anitti Ministira Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa Jeemsi Morgaaniin simatamaniiru.

Obbo Dammaqaan turtii Juubaatti taasisaniin Pireezidaantii Sudaan Kibbaa Salvaakiir Mayaardiit fi qondaaltota olaanoo mootummaa biyyattii waliin akka mari’atan ibsameera.

Ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad irraa ergames Pireezidaanti Saalvaakiiritti ni kennu jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.