Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan bakka bu’aa dhimma alaa fi imaammata nageenyaa olaanaa gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma alaa obbo Dammaqaa Makonniin bakka bu’aa dhimma alaa fi imaammata nageenyee olaanaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Booral waliin mari’ataniru.
Dhimma haala waqtawaa naannoo Tigraayirratti bilbilaan mar’itaniiru.
Obbo Dammaqaan hojii naannicha deebisanii ijaasruu fi deeggarsa namoomaa taasiifamaa jiru ilaalchise ibsa taasiisaniiru.
Fedhii naannichaa guutuuf mootummaa fi dhaabbileen deeggartootaa qondoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Naannichaatti tattaaffii deeggarsa namoomaa eegalame cimsuu fi itti fufsiisuuf waliigalaniiru.
Hariiroo Ityoophiyaa fi gamticha gidduu jiru caalmaatti cimsuuf waliigaluu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.