Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan fooramii diinagdee addunyaa irratti hirmaachuuf Daavoos jiru

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan fooramii diinagdee addunyaa irratti hirmaachuuf Daavoos galan.

Jilli itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonniniin duurfamu hirmaannaa isaanii yaa’ii invastimantii Briitaaniyaa -Afrikaa Landanitti gaggeeffamaa ture xumuruun, fooramii diinagdee addunyaarratti hirmaachuuf Siwiizarlaand Daavoos galaniiru.

Turtii isaaniin Siwiizarlaand Daavoosin fooramii diinagdee addunyaarratti hirmaachuuf akka ta’es ragaan Waajjira Itti Aanaa Muummee Ministiiraa irraa argannee ni muul’isa.

Fooramichi kaleessa kan eegale yoo ta’u, hanga Amajjii 15, 2012 itti fufiinsan ni adeemsifama jedhameera.

Fooramicha irratti hoggantoonni biyyoota addunyaa garagaraa kan hirmaatan yoo ta’u, ajandaawwan idil addunyaa naannoo fi indastirii irratti ni mari’atu jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.