Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Gamtaa Awurooppaatti hojii raawwachiiftuu Olaantuu Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Gamtaa Awurooppaatti hojii raawwachiiftuu Olaantuu Afrikaa Ambaasaaddar Riitaa Laaraanjinhaan waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota hariiroo Itiyoophiyaa fi Gamtichaa caalmaatti cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo fi tumsa gamtaa Awurooppaa waliin qabdu idilee taasisuuf qophii ta’uu Obbo Dammaqaan eeraniiru.

Mootummaan naannoo Tigraay, Oromiyaa fi Amaaraatti nagaa buusuuf tattaaffii taasiisaa jiru ilaachisee ibsa kennuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.