Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan haleellaa suukkanneessaa lammiileerra qaqqabeef gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Onkololeesa 23, 2013 (FBC)-Itti aanaan Muummeen Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makonnin godina Wallaga Lixaa aanaa Gullisoo ganda Gaawwaa Gaanqaatti haleellaa suukkanneessaa lammiileerra qaqqabeef gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Kutaa biyyattii garaagaraatti humnoonni badii dhiibbaa diinagdee, amantaa fi sabummaa qaqqabsisuu isaanii ibsaniiru.
 
Haaluma walfakkatunis godina Wallaga Lixaa aanaa Gullisoo ganda Gaawwaa Gaanqaatti haleellaa suukkanneessaan qaqqabuu ibsaniiru.
 
Obbo Dammaqaan haleellaa dhalattoota naannoo Amaaraarratti xiyyeeffate balaaleeffataniiru.
 
Gochiichis dursaan qindeffamee kan raawwatameedha jedhaniiru.
 
Olaanatummaan seeraa akka kabajamuuf haawasni mootummaa cinaa dhaabbachuu akka qabu yaadachiisaniiru
 
Obbo Dammaqaan gadda itti dhaga’amee ibsuun, maatii fi firoottan namoota lubbuun darbaniif jajjabina hawwaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.