Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan jila hoggantoota Liigii Musiliimoota Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin jila hoggantoota Liigii Musiliimoota Idil Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Jilli Liigii Musiliimoota Idil Addunyaatti Qindeessaa olaanaa Awurooppaa fi Ameerikaa fi gorsaan Barreessaa Olaanaa Liigii Islaamummaa Dooktar Abduul Aziiz Saarihaaniin durfamu kun Obbo Dammaqaa waliin mari’ataniiru.

Karoora hojii hunda galeessa,Fayyaa fi barnootarratti biyyattiin yeroo itti aanu hojjechuuf karooraffatteratti mari’ataniiru.

Liigiin Musiliimoota Idil Addunyaa hojiilee misoomaa Ityoophiyaatti hojjechuuf karoorfate hundaaf deeggaarsa barbaachisu taasiisuf qophii ta’uu isaanii Obbo Dammaqaan mirkaneessaniiru.

Jilli kun guyyaa har’aa hoggantoota olaanoo manneen hojii biroo waliin marii kan taasiisu ta’uu ragaan Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.