Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Komishinar Juuttaa Urpiilaayinan waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Gamtaa Awurooppaatti Komishinara Tumsa Idil addunyaa Komishinar Juuttaa Urpiilaayinan fi Gamtaa Awurooppaatti bakka bu’aa addaa gaanfa Afrikaa Aneet Wabarii waliin mari’ataniiru.

Komishinar Juuttaa Urpiilaayinan mootummaan Ityoophiyaa filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa karaa nagaan gaggeessuun mootummaa haaraa hundeessuu isaaf  baga gammadan jedhaniiru.

Gamtaan Awurooppaa sagantaa misoomaa  Mootummaa Ityoophiyaa kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.

Keessattuu gamtichi dhimmoota haala qilleensaa Inarjii, misooma humna namaa, Fayyaa, ittisa weerara koroonaa vaayrasii, bulchiinsa gaarii fi guddina seektara dhuunfaa irratti mootummaa Ityoophiyaaf tumsa kan taasiisu ta’uu eeraniiru.

Qaamoleen lameen dhimma dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi qorannoo sarbama mirga namoomaa ilaalchisee mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan gama isaaniin deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf tarkaanfii mootummaan fudhatee fi murannoo qabu ibsa taasiisaniiru.

Yakka sarbama mirga namoomaa ga’e jedhame qulqulleessuuf Abbaan Alangaa Waliigalaa qorattoota idil addunyaa waliin tattaaffii taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa gochaa badii garee shorotkeessaa ABUT dura dhaabbachaa  jijjiirrama hawaas diinagdee gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan biyyattiitti aadaa siyaasaa haaraa uumuuf mootummaa haaraa hoggantoota paartilee morkattootaa of keessatti  hammate hundeessuu eeraniiru.

Lammiilee naannoo Amaaraa fi Afaaritti sababa garee ABUTtiin qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun rakkoo keessa jiraniif Gamtaan Awurooppaa deeggarsa namoomaa akka taasiisu gaafataniiru.

Gareen kun iddoolee seeraan ala weerare gadi dhiisee akka ba’u gamtaan Awurooppaa dhiibbaa taasiisuu akka qabus hubachiisuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.