Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Misooma Idil Addunyaa Kaanaadaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Minsitiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Misooma Idil Addunyaa Kaanaadaa Haarjiit Siing Saajaan waliin mari’ataniiru.

Hariiroo cimaa Ityoophiyaa fi Kaanaadaa giddu jiru gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf haala dandeessisurratti mari’ataniiru.

Imaammatawwan Invastimantii fi Daldalaa guddisuu, akkasumas Tarsiimoo qindoomina tumsa diinagdee naannawaaf gargaaru uumuun misooma biyya keessaa fi Gaanfa Afrikaa mirkanessuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Dammaqaan ibsa taasiisaniiru.

Ajandaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa fi Dijiitaala 2025 Ityoophiyaa, utubaawwan imaammata diinagdee, dargaggootaaf carraa hojii uumuu fi fayyadamummaa dubartoota mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaa jiranirratti ibsa laataniiru.

Biyyoonni akka Kaanaadaa tattaaffii misoomaa Ityoophiyaan eegalte akka deeggaranii fi adeemsa nageenyaa eegalame akka tumsan gaafataniiru.

Haarjiit Siing Saajaan gama isaaniin, tumsi misoomaa Ityoo – Kaanaadaa bara dheeraa kan lakkoofsise ta’uu kaasuun kanas itti fufsiisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Kaanaadaa fooyya’iinsa wabii nyaataa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojiilee karoorfaman deeggaruuf fedhii qabaachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.