Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Preezdaantii Waldaa koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin Preezdaantii Waldaa koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa  Musxafaa Beeraaf waliin mari’ataniiru.

Musxafaa Beeraaf yaa’ii waliigalaa Waldaa koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa Dilbata dhufu Finfinneetti gaggeeffamurratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Marichan obbo Dammaqaan magaaloota naannoleetti Istaadiyeemiwwanii fi giddugaloonni Ispoortii  ijaarramuu ibsuun, Ityoophiyaan dorgammiiwwan idila addunyaa keessummeessuuf dandeettii qabaachuu eeraniiru.

Preezdaantiin Waldichaa Musxafaa Beeraaf gama isaaniin ibsa taasiifameefiif galateeffachuun, Waldaan koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa Ityoophiyaatti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin walitti dhiheenyaan hojjechuu kan itti fufu ta’uu  dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.