Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun Ambaasaaddara Sudaan Kibbaa waliin mari’tan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ambaasaaddara Sudaan Kibbaa Jeemsi Moorgaan waliin mari’atan.
 
Sudaan Kibbaa dhimma faayidaa Ityoophiyaa miidhu keessa harka ishee hin galfattu jedhan Jeemsi.
 
Ambaasaaddar Jeemsi Moorgaan, oduun tibbana marsariitiiwwan hawaasarra olii fi gadi deddeebi’u bu’ura kan hin qabneedha jedhan.
 
Sudaan Kibbaa Gibtsiif iddoon laatte hin jiru jedhaniiru.
 
Dhimma kana ilaalchisee mootummaa biyyattii ibsa laachuu isaa himaniiru.
 
Sudaan Kibbaa biyya of dandeeche akka taatuuf ga’een Ityoophiyaa olaanaa ture jedhan.
 
Ummanni Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa ummata biyyoota lama keessa jiraatan kan wantoota hedduun walfakkaatan ummata tokko ta’uu himaniiru.
 
Sudaan Kibbaa mirga Ityoophiyaan qabeenya uummamaa ishee misoomsuu fi itti fayyadamuu qabdu cimsitee deeggarti jedhan.
 
Mootummaa fi ummanni Sudaan Kibbaa Ijaarsa proojaktii Hidha Haaroomsaa kan deeggaran ta’uu Ambaasaaddarichi eeraniiru.
 
Misoomni Hidha Haaroomsaa kan Ityoophiyaa qofa osoo hin taane kan Sudaan Kibbaatis jedhan.
 
Garaagarummaan Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gedduu jiru karaa hunda galeessa ta’ee fi faayidaa ummataa biyyoota hundaa mirkaneessuu danda’uun hiikkachuu qaba jedhan.
 
Deeggarsa Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Sudaan Kibbaaf taasifte Ambaasaaddar Jeemsi galateeffataniiru.
 
Obbo Gadduun gama isaaniin, Ityoophiyaan hariiroo Sudaan Kibbaa waliin qabduuf iddoo olaanaa laatti jedhan.
 
Laga Naayilirratti biyyoonni yaa’a olii hundi walqixa mirga fayyadamuu qaban jedhan.
 
Sudaan Kibbaa addaatti waan Ityoophiyaan mormituuf hin qabdu jedhan obbo Gadduun.
 
Sudaan Kibbaa biyya nageenyi ishee mirkanaa’e akka taatuuf Ityoophiyaan yeroo kamiiyyuu ni hojjetti jedhan obbo Gadduun.
 
Biyyoota Afrikaa biroo waliinis hariiroo misoomaa qabdu daraan cimsuuf Ityoophiyaan cimtee kan hojjetu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.