Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun daawwii hojiitif Xaaliyaan jiru

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) –Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw daawwii hojiitif eda gara Xaaliyaan imalaniiru.
 
Turmaata isaanii Xaaliyaanin gita isaanii waliin hariiroo biyyoota isaanii cimsuurratti xiyyeeffachuun ni mari’atu.
 
Dabalataan hoggantoota Dhaabbata Qonnaa fi Nyaata Addunyaa, Sagantaa Nyaata Addunyaa fi hoggansa Fandii Misooma Qonnaa Addunyaa waliin ni mari’atuun eegamu.
 
Dhaabbileen kanneen hojiileen misoomaa Ityoophiyaatti hojjetan jijjiirrama galmaa’aa jiruun walsimataa akka ta’u ni mari’atu.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.