Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun gitasaanii Speen; Araanchaa Goonzaaliiz waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw gitasaanii Speen Araanchaa Goonzaaliiz waliin bilbilaan mari’atan.
 
Hariiroo Ityoophiyaa fi Speen cimsuu, weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti tumsaan hojjechuuf mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduun Speen dhuunfaan tumsa Ityoophiyaaf taasisaa jirtuuf galateeffataniiru.
 
Biyyattiin karaa Gamtaa Awrooppaatinis tumsaa fi deeggarsi taasistu jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.
 
Obbo Gadduun dhimma Hidha Haaromsaa, hojii diippiloomaasii fi sadarkaa ijaarsasaarratti ministirittiif ibsa laataniiru.
 
Marii sadee Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts hidhicharratti taasisaa turanii fi sadarkaa ammaarratti ibsa laataniiru.
 
Ministirittiin ibsa laatameef galateeffatanii, hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu, weerara vaayrasii koroonaa amala rakkisaa qabu tumsaan qolachuuf hojii waloo hojjetamuu qaburratti mari’ataniiru.
 
Mariin Hidha Haaromsaa bifa fayyadamtummaa waloo fi haqa qabeessummaa mirkaneessen furmaata argachuu akka qabus ibsaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.