Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun Ityoophiyaatti ambaasaaddara Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Maaykil Raaynar waliin mar’ataniiru.

Turtii isaanitiin hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa baroota dheeraa cimsuurratti mari’ataniiru.

Dabalataanis, Wiixata dhufu Gurraandhala 9, 2012 eegalee guyyaa sadiif ministiri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayk Poompiyoon daawwannaa hojii Ityoophiyaatti taasisanirratti mari’ataniiru

Kanaan walqabatee qophii jiru ilaalchisuun Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Maaykil Raaynar ibsa laataniiru.

Jijjiirama siyaasaa fi diinagdee Ityoophiyaatti taasifamaa jiru haala deeggaruun danda’amurrattis mari’ataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.