Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun, Maayik Poompiyoo waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoo waliin mari’atan.
 
Ministiroonni lamaan hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa sadarkaa olaanaatti ceesisuurratti mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduun tumsa Ameerikaan Ityoophiyaaf taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.
 
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp marii Hidha Haaromsaarratti Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts guutinsaa fi gadi lakkisa bishaaniirratti waliigalteerra akka ga’aniif carraaqqii taasisaniif galateeffataniiru.
 
Ameerikaan taajjabdummaadhan maricharratti hirmaattu, dhimma hidhichaarratti waliigalteerra akka ga’amuuf carraaqqii olaanaa taasisteetti jedhan.
 
Ministiroonni lamaan dhimma nageenya naannoo baha Afrikaa, hariiroo daldalaa fi diinagdee, al Shabaab dadhabsuu fi Sudaan Kibbaatti nageenya waaraa buusuurratti hojii hojjetamaa jirurrattii fi kallattii fuula duraarrattis mari’ataniiru.
 
Maayik Poompiyoon gama isaanitiin Ityoophiyaan nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaatti buusuuf hojii hojjettu dinqisiifatanii Ameerikaan kan tumsitu ta’uu ibsan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.