Fana: At a Speed of Life!

Obbo Hayilamaariyaam seenaa uummattoota gurraachaatiif iddoo tursiisa hambaallee fi giddugala barnootaa hundaa’uuf deeggarsa akka taasisaan ibsan

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa Ityoophiyaa duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaaliny, seenaa uummattoota gurraachaatiif iddoo tursiisa hambaallee fi giddugala barnootaa hundaa’uuf deeggarsa akka taasisaan ibsaniiru.

Obbo Hayilamaariyaam, dhimma kanarratti hayyoota seeraa uummattoota gurraachaa, hayyoota seenaa fi saayinisii hawaasaa waliin Imbaasii Ityoophiyaa Landanitti argamuutti mari’ataniiru.

Marii kanaanis seenaa uummattoota gurraachaaf iddoo tursiisa hambaallee fi giddugala barnootaa Magaalaa Finfinneetti hundeessuuf sochii eegalame kan deeggaran ta’uu himaniiru.

Barreessaa fi Ispeeshaalistii Seenaa Uummattoota Gurraachaa kan ta’an Roobin Wooker gama isaaniitiin, ofiitti amanamummaa fi xiinsammuu uummattoota gurraachaa dagaagsuuf seenaa uummattoota gurraachaatiif iddoo tursiisa hambaallee fi giddugala barnootaa hundeessuun faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.