Fana: At a Speed of Life!

Obbo Isaayyas Jiraan Ittaanaa Pireezidaantii Seekaafaa ta’uun irra deebiin filataman

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Obbo Isaayyas Jiraan Ittaanaa Pireezidaantii Mana Maree Waldaa Kubbaa Miilaa Bahaafi Giddugala Afrikaa (Seekaafaa) ta’uun irra deebiin filatamaniiru.

Yaa’iin Waliigalaa Filannoo Seekaafaa bakka hoggantoonni Kubbaa Miilaa biyyota miseensa mana marichaa argamanitti guyyaa har’aa Zaanziibaaritti gaggeeffameera.

Obbo Isaayyaas Jiraan waggoota dhufan afuriif Jiraan Ittaanaa Pireezidaantii Seekaafaa ta’uun akka tajaajilamniif filatamuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.