Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafeen jila olaanaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa fi Kooriyaa Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Oboo Musxafee Muhaammad Jila Olaanaa Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Miseensota Paarlaamaa Kooriyaa Kibbaa waliin dhimmoota deeggarsa namoomaa naannichaarratti mari’ataniiru.

Obbo Musaxafeen jila kanaaf haalaa waqtaawaa naannichaa fi dhimmoota deeggarsa namoomaa buqqaatotaaf taasifamaa jirurratti ibsa kennaniiru.

Miseensonni Paarlaamaa Kooriyaa Kibbaa fi qondaaltonni Sagantaa Nyaataa Addunyaas gama isaaniin, deeggarsa namoomaa buqqaatota naannichaaf mootummaan taasisaa jiru jajjabeessa ta’uu ibsuun, deeggarsa taasifamuuf gahee isaanii bahachuu fi mootummaa naannichaa waliin hojiilee misooma waaraarratti akka hojjetan dubbachuu ragaan kominikeeshinii naanichaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.