Fana: At a Speed of Life!

Obbo Riistuu Yirdaan Ambaasaaddar Tireesii Aan Jaakoobsan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Riistuu Yirdaan Ityoophiyaatti  Dhimma Raawwachiiftuu Mootummaa Ameerikaa  Ambaasaaddar Tireesii Aan Jaakobsan waliin mari’ataniiru.

Fayyaa haadholiifi daa’immanii, tattaafii oomishtummaa qonnaa guddisuuf taasifamaa jirurratti akkasumas rakkoolee jijjiirama qabeenya qilleensaan mudatan dandamachuuf sochiilee taasifamaa jiran irratti mari’achuu eerameera.

Obbo Ristuun, Mootummaan Ameerikaa fayyadamummaa ummata naannnichaa guddisuuf tattaaffii taasisu dinqisiifachuun ,cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Ambaasaaddar Tireesii Aan Jaakobsan gama isaaniin,  Ityoophiyaan gaba bilisaa  AGOA irraa  dhorkamuu isheen dhiibbaa qaqqabuu hambisuuf Amerikaan dhimmicha hordofaa jiraachuuu ibsuu ragaan Kominikeeshinii naannniichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.