Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ristuu Yirdaa Ayyaana Masqalaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015 (FBC)- Ayyaana Masqalaa 2015 sababeeffachuun Pireezidaantiin Naanoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa ergaa bagaa geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, Naannoon Kibbaa fakkeenya tokkumnmaa biyyaalessaa ta’uu fi ayyaanaa masqalaan dabaalamee haalaa qabatamaa naannawaatiin miidhagina addaa kan uumuu ta’uu ibsan.

Ayyaanichis naannawaa hundaatti duudhaa nageenyaa, waliin jireenyaa, waliif yaaduu, waldeeggaruu, walkabajaa akkasumaas kanneen wal lolan yookaan walitti mufatan waliif dhiisuun kan calaqqisuudha jedhaniiru.

Ayyaana Masqalaatti kanneen walirraa fagaatan firoonni, walyaaduun kan walargan, miseensonni maatii bara haaraatti karoora haaraa kan baasaanii fi milkaa’inaa isaaf kan tattaafatan ta’uu himan.

Obbo Ristuun akka jedhanitti, sabaa fi sablammoota naannichaa biratti Ayyaanni Masqalaa ayyaana jijjiirraa baraa ta’uun walqabatee Fulbaana 12’rraa eegalee ayyaanichi sirnoota garaagaraatiin waan kabajamuuf, miira addaa kan uumuu; kunis ayyaana hawwamu kan taasisuudha jedhaniiru.

Ayyaanichi jijjiirraa bara haaraatti aanee waan kabajamuuf mootummaan naannicha ummata qindeessuun miira haaraa fi ilaalcha haaraan fayyadamumma hawaasaa mirkaneessuuf ciminaan akka hojjetu ibsaniiru.

Ammas ummanni akkuma duraanii mootummaa naannichaa cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.

Imalli jijjiiramaa fi badhaadhinaa eegalame akka dhugoomuuf nageenya naannnichaa mirkaneessuun qabeenyaa umamaa jiraan fayyadamuuf humna jiru misoomarra oolchuu qabnas jedhan.

Yeroo diinonni alaa fi keessaa waranaa bananii jiranitti tokkummaa jiruu yeroo kamiyyuu caalaa cimsuun waliif yaadaa, walgargaaraa duudhaalee amantaalee keenyaa eeguun dhalootaaf dabarsuuf dagannaa tokko malee kan hojjechuu qabnuudha jechuun Obbo Ristuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.