Fana: At a Speed of Life!

Itti aantoonnii preezdaantii naannolee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (FBC) – Itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa maraaf ergaa baga geesssani dabarasaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa Iyyasus Kiristoos laga Yordaanoositti Cuuphamuu isaa yaadachaaf ayyaanaa sirna hoo’aan kabajamu ta’uu ibsaniiru.

Guyyaa Kataraatii eegalee hordoftoota amantichaan bifa dammiqina qabuun ayyaana kabajamu ta’uu eeraniiru.

Ayyaanni Cuuphaa hambaalee Kiliyaa galmee addunyaarratti galmaa’e ta’uu isaan ayyaana hawwata Turistii biyyattiif iddoo olaanaa qabu ta’uu himaniiru.

Hawaasni ayyaanicha yeroo kabaju aadaa walgargaaruu qabu cimsuun namoota harka qaleeyyii yaadachuun kabajuu akka qaban gaafataniiru.

Weerara vaayarsii koroonaaf of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qabanis dhaamaniiru.

Dagannaan yeroo ammaa hawaasa biratti muul’atu caalmaatti gatii akka nu hin kaffalchiifne of eeggannoon olaanaa taasiisuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Tokkummaa eegalame cimsuun imala Badhaadhinaa dhugoomsuuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu dhaamaniiru.

Hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa fi ummata Ityoophiyaa maraan ayyaanni Cuuphaa ayyaana gammachuu, tokkummaa, Badhaadhinaa fi nageenyaa akka ta’u hawwuu isaanii Biiroon dhimmoota komiinikeeshinii naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Hararii gama isaan ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa ayyaanna tokkummaa, jaalalaa, fayyaa fi misoomaa akka ta’u hawweera.

Ayyaannichi maqaa gaarii biyyattii ijaaruu fi hawwata Turistii dabaluuf shoora olaanaa qabaachuu ibseera.

Kantiibaan magaalaa Dirree Dawaa obbo Ahimad Buuhii bagaa ayyaana Cuuphaatin isiin ga’ee jedhaniiru.

Preezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa obbo Aganyaaw Tashaagar, ergaa bagaa ayyaana Kataraa fi Cuphaa geessaan jechuun dabarsaniiru.

Ayyaanni cuuphaa bara kana injifanoowwan gurguddaa kan itti galmeessinuu fi qormaatilee duraa keenyaa jiran mo’achaa kan itti kabajannudha jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.