Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan barataa kutaa 8ffaa ibsaa kalaquun hawaasa naannoo isaa fayyadamaa taasiseef badhaasa Birrii kuma 200 kennan

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan barataa kutaa 8ffaa ibsaa kalaquun hawaasa naannoo isaa fayyadamaa taasiseef beekkamtii fi badhaasa Birrii kuma 200 kennan.

Godina Booranaa Aanaa Waacilee Ganda Weebitti kan dhalateefi barataa kutaa 8ffaa kan ta’e Aadan Huseen Diidaa rakkoo uummata naannoo isaa hubachuun waantota naannoo isaatti argaman kanneen akka dhoqqee Loonii, Ashaboo, shiboo elektirikaa, pilaastika fi sibiilota caccabaa walitti qabuun ibsaa hojjateera.

Barataan umriin isaa ganna 15 ta’e Aadan kalaqa isaa kanaan bakka dhaloota isaa kan taate Ganda Weebiif ibsaa gumaachuun abbootiin warraa 28 tajaajila ibsaa sa’aa 24 akka argatan taasisee jira.

Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasawaa taasisaniin “namoonni akkanaa yoo baay’atan guddinna biyyaa keessatti gahee olaanaa qaba jechuun kalaqaan cinattis barnoota idileenis cimuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Gara fuulduraattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa namoota dandeettii kalaqaa akkanaa qaban cinaa dhaabbachuun kan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru.

Barataa Aadan Huseen mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Araddaa Yaa’aa fi mana baruumsa sadarkaa 1ffaa Weeb tajaajila ibsaa akka argatan taasiseera.

Barataan Aadan Huseen kalaqa argate kanaan mana namoota dhuunfaatti ibsaa galchuun galii argataa kan jiru yoo ta’u ji’aan giddu galeessaan hanga qarshii kuma 7 argataa jira.

Aadan kalaqoota rakkoo hawaasa isaa furuu danda’an kalaquuf fedhii fi kaka’umsa guddaa kan qabu yoo ta’u mul’ata isaa kana galmaan ga’uufis deeggarsi dabalataa qorannoon deeggarame akka isaaf taasifamu gaafateera.

Abbaan kalaqaa barataa Aadan Huseen Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatiif kennaa uffata aadaa kennuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.