Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan godina Jimmaa aanaa Qarsaatti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2013 (FBC) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan godina Jimmaa aanaa Qarsaatti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwataniiru.

Obbo Shimallis Biqiltuu Avookaadoo fi Bunaa bara kana dhaabbachuuf qophaa’aa jiru daawwataniiru.

Rakkoo Asiidummaa biyyoo Kibba Oromiyaatti muul’atu ittisuu fi fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuu, akkasumas uwwisa bosonaa guddisuuf yaaddamee xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Shimallus dubbataniiru.

Sanyii Bunaa, Kudaralee fi muduraalee oomisha fooyya’aa laachuu danda’an babal’isuuf mootummaan haala addaan hojjechaa akka jirus ibsaniiru.

Godina Jimmaatti buufata biqiltuu mootummaa 51 keessatti gosti Avookaadoo Haas jedhamu kumni dhibbi 5 fi Sanyiin biqiltuu bunaa miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 97 qophaa’aa jiraachuu Bulchaan godina Jimmaa obbo Abduulhakiim Muluun dubbataniiru.

Oromiyaatti bara kana biqiltuun bunaa biiliyoonni 1.1 fi Avookaadoo biiliyoonni 1.8 kunuunfamaa jiraachuu ibsameera.

Afawarqi Alamuutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.