Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis miseensota jila Liijeer,Taanzaaniyaa, Zaambiyaa fi Kootdivayeer waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 22, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan miseensota jila Liijeer,Taanzaaniyaa, Zaambiyaa fi Kootdivayeer waliin mari’ataniiru.

Obbo Shimallis muuxannoo hojii bu’aa qabeessa misooma qonnaa irratti jilichaaf ibsa taasisaniiru.

Jilichi guyyoota itti aanaan hojiilee misooma qonnaa kan daawwatan ta’uu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Guyyoota dhufanitti Ministeeronni Biyyoota Afrikaa 14 Qonna Naannoo Oromiyaa ni daawwatu.

Muuxannoo Tarsimo’aa Cee’uumsa Misooma Qonnaa Naannoo Oromiyaa irraa argamu obboloota Afrikaatiif akka dhiyaatu kan dandeessise dhaabbata deeggaraa Misooma Naannoo Oromiyaa kan ta’e “Big Win Philanthropy” dha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.