Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tamasgeen Xirunaan raawwii karoora sirna nyaataa ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan raawwii karoora sirna nyaataa ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mari’ataniiru.
Raawwii karoora Nyaataa fi Sirna nyaataa, Waadaa Saqoxaa fi Inshuraansii Fayyaarratti mari’achuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.
Raawwiin hanga ammaatti jiru jajjabeessaa fi Itiyoophiyaan damichaan biyyoota Afrikaa Biroof muuxannoo qooduu eegaluu eeraniiru.
Hojiin damee fayyaa tumsa, murannoo fi tattaaffii federaalaa, naannolee fi dhaabbilee deeggartootaa kan gaafatu ta’uu eeruun, hojmaaticha cimsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Sagantaa Maaddii Guutuu fi Itiyoophiyaa qulqulluun kallattiin kan walqabatan ta’uu isaaniin tumsii fi hordoffiin cimee haala itti fufuu danda’uratti mari’achuu ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.