Fana: At a Speed of Life!

Obbolummaa sabdaneessa cimsuun rakkoolee biyyaalessaa nu mudatan injifannoon ni ceena- hoggantoota olaanoo MMBU fi MMF

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Obbolummaa sabdaneessa cimsuun rakkoolee biyyaalessaa nu mudatan injifannoon ni ceena jedhan hoggantoonni olaanoo Mana maree Bakka bu’oota uummataa fi Mana Maree Federeeshinii.

Mariin hoggantoonni olaanoo mana maree bakka bu’oota uummataa fi mana maree federeeshinii dhimma yeroo biyyaalessaarratti guyyoota lamaaf taasisan xumurameera.

Marichi dhimmoota injifannoo waaraan gara badhaadhinaa fi rakkoolee waraana boodaa fi sirreeffamoota jedhanirratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaan balaa birmadummaa humnoota keessaa fi alaan irratti aggaamamee ture deeggarsa Ityoophiyaanota hundaan injifannoon ba’uu Af Yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa obbo Taaggasaa Caafoo ibsaniiru.

Hojii dippiloomaasii hojjetameen biyyoota Ityoophiyaa cinaa dhaabbatan galateeffataniiru.

Injifannoo argame amanamaa fi waaraa taasisuuf humnoota keessaa fi alaa walitti bu’iinsa uumuu barbaadan dammaqinaan hordofuun shira isaanii fashaleessuuf qaamoleen nageenyaa fi hawaasni akkuma kanaan duraa waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Afyaa’iin mana maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar gamasaaniin, waraana tureen Ityoophiyaan injifachuu fi Raayyaan Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa naannolee seenaa bara baraan yaadatamu hojjechuu eeraniiru.

Ityoophiyaanonni biyya keessaa fi alaa tokkummaan dhaabbachuun injifannoo Ityoophiyaatiif wareegama kaffalaniif beekkamtiin kennuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Marii biyyaalessaas akkaataa kanaan gaggeessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Tokkummaa keessoo keenyaa cimsuun nageenya waaraa ijaaruuf sirna mootummaa cimaa fi fedhii uummataa bu’uureffatee socho’u ijaaruun barbaachisaa ta’uu Ministirri Waamamaa olaanaa Mootummaa obbo Tasfaayee Beeljiigee ibsaniiru.

Nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf tokkummaa keenya cimsuu qabna jedhaniiru.

Fuulduratti dhaabbilee fi bu’uuraalee misoomaa waraanaan barbadaa’an deebisanii dhaabuu fi Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.