Fana: At a Speed of Life!

Odeefannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaan kanneen tamsaasan gochaa isaaniirraa akka of qusatan poolisiin hubachiise

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC)- Qaamoleen odeffannoo sobaa gama miidiyaa hawaasummaan tamsaasan gochaa isaaniirraa akka of qusatan Poolisiin Magaalaa Finfinnee hubachiise.

Poolisiin magaalattii ergaa dabarseen, namoonnii fi gareen Magaalaan Finfinnee nagaa ta’uun hirriba isaan dhorke, odeeffannoo dharaa tamsaasuun hawaasni sodaa keessa akka galuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu eereera.

Qaamoleen kunneen Magaalaan Finfinnee nagaa akka hintaanee fi ummanni sodaa keessa akka waan jiruutti odeeffannoo sobaa tamsaasuurratti xiyyeeffachuun wacanillee, jiraattoonni magaalichaa seenessii dharaaf gurra utuu hinkennine qaamolee nageenyaa waliin walta’uun nageenya naannawaa isaanii eegaa jiraachuu ibseera.

Kallattiinis ta’ee kallattiin ala namoonnii fi gareen nageenya booressuuf yaalan karoorri isaanii waan milkaa’uufii dideef, tooftaa isaanii jijjiiruun gama miidiyaa hawaasummaan gonkumaa waan hinjirre ta’eera jechuun ummata burjaajessuuf yaalii taasisaa jiraachuu eereera.

Haaluma kanaan tibbana Magaala Finfinnee keessatti haleellaa raawwachuuf gareen dhoksaan gurmaa’an akka jiran fakkeessuun naannawaa ‘Saarbeet’ jedhamutti Awutobisiirratti boombiin dhohuu kan argisiisu oduun sobaa tamsaafamaa jira jedheera.

Kun dhugaarraa kan fagaatee fi Magaalaa Finfinnee nagaan hinjiru jechuun odeeffannoon tamsaafame soba ta’uu jiraattonni magaalattii hubachuu qabu jedheera.

Qaamoleen nagaa ta’uu magaalatti hinbarbaanne gama ‘tiiktookiin’ ibsaa jirachuu eeruun, nageenyi magaalatti amansiisaa ta’ee akka itti fufuuf poolisiin yoomiyyuu caalaa hojii nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu hojjechaa jiraachuu mirkaneesseera.

Hawaasnis aadaa odeeffannoo qulqulleeffachuu gabbifachuu akka qabu hubachiisuun, qaamolee odeeffannoo sobaa gama miidiyaa hawaasummaan tamsaasanirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.