Fana: At a Speed of Life!

Odeeffannoon tibbana waraanni Ityoophiyaa loltoota Sudaan haleele jedhu odeeffannoo sobaati – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Odeeffannoon tibbana waraanni Ityoophiyaa loltoota Sudaan haleele jedhu odeeffannoo sobaa ta’uu Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa beeksiiseera.
Mootummaan Ityoophiyaa lootee seentoonni Sudaan lammiilee Ityoophiyaarratti miidhaa qaqqabsiisuuf yaalii wayita taasiisan tarkaanfii fudhachuu kaasuun, yaa ta’uutii odeeffannoon tibbana waraanni Ityoophiyaa loltoota Sudaan haleele jechuun miidiyaaleen tatamsaa jiru odeeffannoo dogongoraa ta’uu kaasaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii booreessuuf olola adeemaa jiru ta’uu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan ibsa dhimmoota Diinagdee fi haala yeroorratti laatanii ibsaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii kabajuun waldhabdee daangaa uumame karaa nagaan furuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.