Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan kurnan darban qofa, kuufamni maallaqa waliigalaa Baankii Siinqee % 65’n dabale – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC) – Baatiwwan kurnan darban qofa, kuufamni maallaqa waliigalaa Baankii Siinqee % 65’n dabaluu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Ergaa guutuun Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dabarsan haala armaan gadiin dhiyaatera.
Olkaa’an Malee, Olkaatanii Hinfuudhan!
Baadiyyaan, hundaa’ol dameen qonnaa hammattummaa faayinaansii irraa moggeeffamee, fayyadamummaa liqiifi qusannoo irraafagaatee turuun isaa nibeekama.
Dhaqqabummaan faayinaansii biyya keenyaa dureeyyiidhuunfaa muraasa qofaan kan dhuunfatame jechuu dandeenya.
Dameen kun magaalaa keessatti kan daanga’eqofa osoo hintaane, bu’uura seeraa liqii xixiqqaa kamuu hineeyyamnen dallaa’ee kan tureedha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, haalli kun osoo hinjijjiiramin,galmoonni kilaastara baadiyyaa (qonnaa) akka hinmilkoofne hubachuun, dhimmoota bu’uuraa lama irratti hojjechaa tureera.
Isaanis, inni jalqabaa, seerri qaqqabummaafi hammatummaa faayinaansii baadiyyaa/qonna moggeesse Mootummaa Federaalaatiinakka foyya’u dhiibbaa taasisuu ture. Inni lammataa ammoo, dhaabbata faayinaansiiliqii xixiqqaa dhiyeessuufi qusannoo jajjabeessu hundeessun dhaqabummaa akkasumas hammattummaa mirkaneessun, cehumsa qonna naannichaa dhugoomsudha. Inni duraa, isa lammaffaaf galteedha. Haaluma kanaan, lachuu milkeessun imalli milkaa’inaa jalqabameera.
Kayyoo lamataa kana Waldaa Liqiifii Qusannaa Oromiyaa duraanii irraa ka’uun, baankii ammayyaa kan ta’e, Baankii Siinqee hundeessun milkeessera.
Ammantaan baankichaa, galma waliigalaa mootummaan gama kanaan kaa’e irraa fagoo kan jiru ta’uus, raawwiin itti fufiinsaan galmeessisaa jiru, milkaa’inaaf karaa qabatuu isaa kan mirkaneessudha.
Baankiin Siinqee kallattii mootummaan aadaa qusannaafi liqii laafaa ummata keenyaa jijjiiruuf kaa’e daran cimsuurratti argama.
Fakkeenyaaf, ji’oota kurnan darban qofa, kuufamni maallaqa waliigala baankichaa % 65’n dabaleera. Liqiin waliigalaa %13’n guddateera. Liqeeffattoota waliigala baankichaa 500,000 (kuma dhibba shan) oliin gahuu danda’eera. Lakkoofsi kun, gama tokkoon, maamiltoota sektarri baankii Itoophiyaa waliigalaan, jalqabaa kaasee hanga ammaatti liqii dhiyeessef kan caaludha.
Gama biraatiin, liqqeeffattoonni kunneen, haala kana dura ta’ee hinbeeknen, qaama hawaasa gadi jiruakkasumas qoteefi horsiisee bulaa bal’dhinaan kan hammate yoota’u, gamaumurii, saalaa, naannaawaafi amantaa liqeeffattootatiinis hammattummaa bal’dhaa mirkaneessaa jiraachuu kan nuuf mirkaneessudha.
Ji’oota kurnan kanatti, raawwiin sassaabbii liqii baankichaa %17 ol ta’eera. Lakkoofsi maamiltoota isaas %23.5’n dabalee gara miiliyoona 6’tti ol siiqee jira. Baay’inni lakkoofsa dameewwaniis533 gahuun guddina % 14.4 agarsiisera. Dabalataanis, dhaqqabumaa baankichaa, Itiyoophyaan alatti, biyyoota ollaa Afrikaa Bahaa keessatti babal’dhisuuf kallattii kaa’ameen, yeroo dhiyootti biyyoota lama keessatti dameelee isaa kan arginu ta’a.
Qabeenyifi invastimantiin Baankii Siinqee daran dagaagaa kan jiru yoota’u, yeroo ammaatti Finfinnee dabalatee, kutaalee biyyattii adda addaatti, ijaarsa gurguddaa tajaajila adda addaaf olan, akkasumas invastimantii adda addaa taasisuu irratti argama.
Walumaagalatti, milkaa’inoonni argaman haala mijataa keessatti kan galmaa’an hinturre. Dabalataaniis, tumsa qooda fudhattoota hedduufi michuu misooma keenyaa ofkeessaa qabu. Gumaacha kanaaf, mootummaan beekamtii olaanaa kan kennuudha. Gara fuula duraattis tumsi keessan nurraa hinturin jechuun barbaada.
Baankiin Siinqee, galma kaa’ameef bira gahuuf lafa dheeratu isa hafa. Hundaa ol, hubannoo hawaasaa guddisuu, qulqullina kenniinsa tajaajila qusannaa teknoolojiin deeggaruu, piroojektoota qusannaa hawaasaa jajjabeessan hojiitti galchuu, tajaajila faayinaansii hunda-galeessa mirkaneessuu akkasumas qaqqabummaa tajaajila faayinaansii mirkaneessuu irratti daran hojjechuu qaba. Dabalataanis, danqaalee dandamachuu, rakkoolee muudatan gara carraatti jijjiiruu, kutannoofi naamusa olaanaa agarsiisuu akkasumas hoggansa gahoome horachuun waan boruuf hinjedhamne.
Baankichi gama dhimmoota faayinaansitiin, hirkoo qabatamaa qoteefi horsiisee bultoota keenyaa, akkasumas hawaasa bal’dhaata’uu danda’uu qaba. Gama kanaan, mootummaan akkuma yeroo maraa humna qabu hundaan deeggaruuf qophiidha.
Hawaasni keenyas, baankicha waliin dhaabbachuun hanqinaalee jiran akk furaa deemu akka jajjabeessu adaraa jechuun barbaada.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.