Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee biyya keessatti oomishamanirraa galiin Dooolaarrri biiliyoonni 2.3 argame – Ministeera Indaastirii

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC) – Bara baajataa 2015 oomishaalee biyya keessatti oomishamanirraa galiin Dooolaarrri biiliyoonni 2.3 argamuu Ministeerri Indaastirii beeksiise.

Bara kana Indaastiriiwwan oomishaa kumni 1 gara hojiitti galuu ministeerrichi ibseera.

Bara baajataa xumurame sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuun hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.

Damee oomsihaan bara kana guddinni olaanaan galmaa’uu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebel ibsaniiru.

Oomisha alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf hojii hojjetamaan sharafa alaa hambisuun danda’amuu kaasaniiru.

Kanaanis galiin Doolaarri biiliyoonni 2.3 argamuu kaasaniiru.

Efireem Mitikkutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.