Fana: At a Speed of Life!

Oomishni lafa hektaara miiliyoona 1.1 irraa walitti qabame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti oomishni qonnaa gahee lafa heektaara miiliyoona 1.1 irraa walitti qabamuu Biiroo Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Naannichatti Qonna Gannaan midhaan lafa heektaara miiliyoona 9.4 misoome irraa callaa kuntaala miiliyoona 265 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Godinalee 10 keessaa oomishni walitti qabamaa jiraachuu fi qisaasama oomishaa hir’isuuf iddoo oomishni gaheef dursa kennuun kombaayinarri qonnaan bultootaaf dhihaachaa jiraachuun himameera.

Rooba yeroo isaa malee roobaa jiruun oomishni akka hin mancaaneef, yeroon oomisha gahe walitti qabuun murteessaa ta’uu Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa, Obbo Bariisoo Fayyisaa dhaamaniiru.

Hanga ammaatti oomishni lafa heektaara miiliyoona 1.1 irraa walitti qabamu himanii, ogeeyyiin misooma qonnaa fi caasaaleen sadarkaan jiran qonnaan bultoota tumsuu akka qaban hubachiisuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.