Fana: At a Speed of Life!

Oomishni xaafii naannoo Amaaraarraa bal’inaan gara Finfinnee akka seenu taasifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2015(FBC)- Oomishni xaafii naannoo Amaaraarraa bal’inaan gara Finfinnee akka seenu taasifamaa jiraachuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibse.

Bulchiinsi magaalichaa xaafiifi qamadii dabalatee oomishaalee qonnaa biroon gara magaalichaa akka galaniif hojjechaa turuu ibsameera.

Kanaan dura walitti hidhamiinsa gabaa waldaalee hojii gamtaa naannolee Oromiyaa waliin uumameen oomishni xaafii gara magaalichaa gale gama waldaalee shammattootaan jiraattotaaf raabsamuun yaadachiifameera.

Guyyaa har’aas naannoo Amaaraa godina Goojjam Bahaarraa oomishni xaafii gara magaalaa Finfinnee seenuu eegaluu Hogganaan Biiroo Daldalaa magaalichaa obbo Biiniyaam Mikruu ibsaniiru.

Guyyoota ittaananittis oomishni xaafii naannicharraa walitti fufiinsaa kan galu ta’uu dubbataniiru.

Xaafiin yeroo ammaa gara magaalichaa seene kun gama waldaalee hojii gamtaan kutaalee magaalaa hundaaf kan raabsamu ta’uu ibsuusaanii ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Hojiin rakkoo dallaalonniifi daldaltoonni hin quufnee qaala’iinsa gatii oomisha xaafiifi qamadii irratti uuman tasgabbeessuu bu’aa argamsiisuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.