Fana: At a Speed of Life!

Oomishni Zayitaa warshaa Feebeellaa gara Finfinnee galuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Oomishni Zayitaa warshaa Feebeellaa gara Finfinnee galuu eegaluu ibsame.

Warshaan Zayitaa Feebeellaa ji’aan Zayita liitira miiliyoona 3 dhiyeessuuf magaalaa Finfinnee waliin galtee raawwachuu hogganaan Biiroo Daldalaa magaalichaa obbo Abduulfattaa Yesuuf Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.

Haaluma waliigalteen hanga ammaatti liitirri kumni dhibbi 1 fi kumni 20 dhiyaachuu ibsaniiru.

Yeroo itti aanuus abbaan liitiraa 3 fi 5 kan galan ta’uu eeraniiru.

Oomishaaleen kunneen guyyaa boruu eegaluun gama waldaalee Shamattootaan hawaasaaf raabsamuu ni eegalu jedhan.

Warshaan Zayitaa Feebeellaa naannoo Gaambeellaaf liitira kuma dhibba 7 fi kuma 80 dhiyeessuuf walii galtee raawwachuu ibsameera.

Warshaan Zayita Shamuu Dirree Dawaas oomisha wayita eegale naannoo Soomaaleef Zayita liitira kuma dhibba 7 fi kuma 80 dhiyeessuun hanqina dhiyeessi jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Tigisti Silashiitu gabaasa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.