Fana: At a Speed of Life!

Oomishtootaa fi fichisiitota waliin dhimmoota gibiraarratti mari’atame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen oomishtootaa fi fichisiistotaa waliin dhimmoota gibiraarratti mari’ataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, marichi hojiilee hojjetamanii fi jijjiirama fiduuf fooyyessa tajaajilaa fi hojileen riiformii gaggeeffaman cimanii kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Dabalataanis gibira kaffaluun mirga qofaa utuu hintaane dirqama ta’uu ibsuun, dirqama kana bahachuufis walitti qabdoota gibiraa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu, kabaja malu kennuu akkasuma kanneen gibiraa dhoksani fi dirqama isaanii sirnaan hinbahanne irratti tarkaanfiin barsiisan fudhatamuu akka qabu waliigalteerraa ga’amuu Aadde Adaanech himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.